• Post category:News
  • Post comments:0 Comments

Baratootaa fi Hojjatootni Yunivarsitii Harraambee Kaampaasii Adaamaa Duulaan Biqiltuu Dhaaban.Sagantaa hawaasni yunivarsitii Harraambee Kaampaasii Mummichaa gaara bokkuurratti biqiltuu dhaabuun ashaaraasaanii itti kaa’an kanarratti hooggantootni, barsiiftotni,akkasumas barattootni kaampaasichaa argamaniiru.Labsii ashaaraa magariisaa dabre hordofee yunivarsitiin Harraambee yeroo garagaraatti gahee irraa eeggamu bahataa tureera jedhan,pirezdaantii Ittaanaan tajaajila hawaasaa yunivarsitichaa doktar Faxxanaa Raggaasaa.Marsaa kanaanis ashaaraa yunivarsitichaa kaa’uuf sagantaan kun qophaa’uu ibsan.Yuunivarsiitichi gahee humnaa fi beekkumsaan hirmaachuu maddiitti faayidaa biqiltuu dhaaabuun argamuu fi ilmi namaa umama kunuunsee walta’uun haala itti jiraachuu qaburrattis hubannoo cimsuu fi itti fufiinsaan gorsa kennuurratti hojjataa jiras jedhan doktar Faxxanaan.Tajaajila lammummaa damee bu’uuraalee misoomaatiin jiru,harka qalleeyyii deeggaruu fi qonnaan bultootni lafasaanirraa misoomaaf kaafaman haala misooma garagaraa itti raawwatanii fi jijjiirama olaanaa fiduu danda’anirrattis leenjii kennuu kaasan.Hirmaattotni sagantichaa gama isaaniitiin carraa kana argatanii ashaaraasaanii kaa’uutti gammachuu itti dhagahame ibsanii,gama kanaan gahee fakkeenyummaa bahachuu fi kunuunsuun dhaloota ittaanutti dabarsuufis qophii ta’uu himan.Hundumtuu tokko ta’ee hojicharrati yoo bobba’e jijjiirama dhufe daran muldhisuu akka danda’amus eeraniiru.Hagayya 21, 2014Yunivarsiitii Harraambee/Adaamaa

301738240_1788455114831056_1219903851193227709_n


300766562_1788455144831053_631524365684685629_n


green1


301712267_1788455494831018_2954092831315081272_n


300990620_1788455448164356_1934949804604958613_n


301634111_1788455401497694_1682208657605569011_n


301773220_1788455341497700_8625111211798325602_n


301268001_1788455248164376_289292001253817198_n


301366773_1788455201497714_356544074006512916_n


green2


301707392_1788455541497680_2383481235487683066_n

Leave a Reply